Know Your Rights - Oromo - Seattle Public Schools

Download Report

Transcript Know Your Rights - Oromo - Seattle Public Schools

Oromo
Mirgoota Kee Beeki
Mata-dureen IX seera federaalaa kan Kolleejoota, yunivarsitiiwwan, fi manneen barnootaa
K-12 ilaalu dha.
Mirgoota kee kan Mata-duree IX fi itti gaafatamummaa Mata-duree IX kan mana barnoota kee ilaalchisee
wantootni 9 ati beekuu qabdu asirratti caqafamaniiru.
1. Mata-duree IX jechuun seera federaalaa kan
mirgoota hawaasaa yammuu ta’u qunnamtii
saalaa irratti hundaa’ee loogiin barnootaa akka
hinjiraanne ni dhorka.
Mata-dureen IX ispoortii qofaa mitii kan ilaalu;
akkasumas waayee roorroo qunnamtii saalaa,
loogii saalaa, fi jeequmsa qunnamtii saalaa ni
ilaala.
2. Mata-dureen IX barattoota dhalaa/durba qofaa
miti kan ilaalu.
Akkasumas barattoonni dhiiraa fi kan saalli
isaanii hinbeekamne loogii saalaa
kamiyyuu,roorroo, ykn jeequmsa irraa eegumsa
ni argatu.
3. Namootni miidhamanii komii dhiheessan loogii
saalaa, roorroo qunnamtii saalaa, ykn jeequmsa
qunnamtii saalaa irraa bilisa ta’anii akka barnoota
isaanii itti fufan manneen barnootaa tarkaanfii
hatattamaa fudhachuu qabu.
4. Komiiwwan loogii saalaa, roorroo qunnamtii
saalaa, fi jeequmsa qunnamtii saalaaf furmaata
kennuuf manneen barnootaa qajeelfama
hundaa’e qabaachuu qabu.
5. Mata-dureen IX akka hayyamutti barataan
yakkame toko akka sibira hingeenye ykn sitti
hindubbanne manneen barnootaa qajeelfama
baasuu danda’u.
6. Manneen barnootaa nama komii dhiheesse
irratti haaloo bahuu hindanda’an ammas roorroon
ykn gochaan haaloo bahiinsaa kabiraa nama
miidhame/komataa irra akka hingeenye gochuu
qabu.
7. Manni barumsa kee loogii qunnamtii saalaa
jalaa akka bilisa bahu manneen barnootaa
tattaafachuu qabu.
Manneen barnootaa namootni baraaraman
barumsa isaanii akka itii hinfufne hamilee isaanii
tuquu hinqaban. Namootni baraaraman mana
barnoota keessa turuuf mirga qabu ammas
sagantaalee barnootaa isaan barbaachisu hunda
argachuu danda’u.
8. Jeequmsi qunnamtii saalaa yeroo namarraa
gahu, komiin dhihaate jaarsummaan akka
ilaalamu jajjabeessuu ykn hayyama kennuu
hinqaban.
Haata’u malee, komiiwwan salphaa ta’aniif
furmaata kabiraa kennuu danda’u.
9. Namoota baraaraman irra jeequmsi erga
gahee booddee barumsa itti fufuuf tajaajiloota
isaan barbaachisu argachuu yoo barbaadan
manni barumsaa gatii kaffalchiisuu hinqabu.
Manneen barnootaa gorsa tola, jijjiirama mana
jireenya dallaa barnootaa, fi namoota
baraaraman tajaajiloota kabiraa isaan
barbaachisu itti kennuu qabu.
Guddataa eega KnowYourIX.org